Egzibiishinii fi Baazaariin Intarpiraayizoota maakiroo fi xixiqqaa biyyaalessaa magaalaa Hawaasaatti ni adeemsifama

104

Amajjii01/2015  (TOI)- Egzibiishinii fi Baazaariin Intarpiraayizoota maakiroo fi xixiqqaa biyyaalessaa magaalaa Hawaasaatti akka adeemsifamu ibsame.

Egzibiishiniin kun mata duree “oomisha biyyakootiin nan boona, oomishtoota biyya keessaarraan bita” jedhuun Amajjii 04 amma 9/2015tti akka adeemsifamu ministeerri hojii fi ogummaa ibseera.

Kaayyoon baazaarii fi egzibiishinii kanaa Intarpiraayizoota jidduutti hariiroo walitti hidhiinsa hojii uumuu, walitti hidhiinsa gabaa fi cehumsa teeknooloojii mijeessuu akka ta’e himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015