Bulchiinsi magaalaa Finfinnee kutaalee hawaasaa harkaqalleeyyiif ayyaana qillee kan ittiin oolan kennaa gumaache

98

Mudde 28/2015 (TOI)-Bulchiinsi magaalaa Finfinnee jiraattota harkaqalleeyyii magaalattii kuma 10 ta’aniif kennaa ayyaana qillee kan ittiin oolan gumaacheef.

Bulchiinsichi abbootii qabeenyaa fi tola ooltota qindeessuun deeggarsa taasiseera.

Deeggarsichis Zayita nyaataa, lukkuu, daakuu daabboo kan ofkeessaa qabu yoo ta’u, kanaafis baasiin birrii miiliyoona 300 ol taasifamuun ibsameera.

Deeggarsi kun kaleessaa eegalee dhihaachaa kan jiru yoo ta’u, har’a qofa jiddugaleessa tokkotti kutaalee hawaasaa kuma tokko ta’aniif maaddii qooduun ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015