Hoospitaalli Naqamtee Meeshaalee Yaalaa Doolaara Miiliyoona 9tti tilmaamamu Deeggarsaan Argate

84

Naqamte Caamsaa 2 /2011 Hoospitaalli Ispeeshaalaayizedii Naqamtee meeshaalee yaalaa doolaara miiiyoona 9 tti tilmaamamu deeggarsaan argachuusaa beeksise.

Hoospitaalichi deeggarsa kana kan argateAmeerikaatti dhaabbata Meed Sheer Intarnaashinaal Orgaanaayizeeshin  jedhamu irraayyu.

Meedikaal daayiraktariin hoospitaalichaa Dr. Taarikuu Taaddasaa tajaajila oduu Itiyoophiyaaf akka ibsanitti, hoospitaalichi deeggarsaan kan argate meeshaalee daa'immanii fi nama guddaa ittiin yaaluuf tajaajilanidha.

Deeggarsichi hanqina meeshaalee yaalaatiin uumamu akka hir'isuuf hubachiisanii, meeshaaleen kunneen fedhii hoospitaalichaa irratti kan xiyyeeffatanidha jedhaniiru.

Boordii hoospitaalichaa dhalattoonni naannawichaa biyya alaa fi biyya keessa jiraatan kenniinsa tajaajilaa hoospitaalichaa fooyyessuuf yaalii gochaa akka jiran ibsaniiru.

Dhalattoonni magaalaa Naqamtee fi naannawasaa Ameerikaa jiraatan meeshaalee deeggarsaa argaman geejjibuuf baasii doolaara kuma 36 fi 300 akka danda'an akka fakkeenyaatti eeraniiru.

Ispeeshaalistiin baqaqsanii hodhuu hoospitaalichaa Dr. Hayilayyasuus Tasfaayee "meeshaaleen kunneen hanqina damee kanaan jiru salphisuurra darbee qulqullina kenniinsa tajaajilaa fooyyessuuf ni gumaacha" jedhaniiru.

Ispeeshaalaayizdiin dhukkuba keessoo hoospitaalichaa Dr. Biqilaa Nagaasaa gamasaaniitiin, meeshaalee deeggarsaan argamaniif ogeeyyonni akka guutamaniif gaafatamaa kan turanii fi humna mootummaatiin bitamanii guutamuu kan hin danda'amnes akka of keessatti qabatan dubbataniiru.

Itti gaafatamtoonnii fi ogeeyyonni hoospitaalichaa dhaabbata deeggarsa taasisee fi dhalattoota naannawichaa biyya alaa jiraatan galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015