Naannoon Ummattoota Kibba Lixa Itoophiyaa manni mare sablammootaa hundeeffame.

91

Mudde, 25/2015(TOI) - Naannoon Ummattoota Kibba Lixa Itoophiyaa manni mare sablammootaa hundeeffame.

Yaa'ii hundeeffama mana marichaa magaalaa Miizaan Teeppitti geggeffameeratti sablamoota adda addaa 13 irraa kan walitti dhufan miseensoonni mana marichaa 70'n sirna kakuu raawwataniiru.

Manni marichaa obbo Maatu Akuu af-yaa'ii mana maree sablamoota naannichaa, akkasuma obbo Massalee Kabbadaa itti aanaa Af-yaa'ii mana maree taasisuun muudeera.

Af-yaa'iiwwan lamaanuu miseensoota mana marichaa duratti dhihaachuuf sirna kakuu raawwachuun sirni hundeeffama mana marichaa xumurameera.

Sirna hundeeffama mana marichaarratti kan argaman pirezidaantiin naannichaa doktar injinar Nagaash Wageeshaa ijaarsa biyyaa mikaa'aa akka ta'uuf hojiiwwan adda addaa hojjetamaa jiru jedhaniru.

Jijjirama akka biyyaatti argame hordoofuun sablamoonni 13 waliin ta'uun naannoo akka hundeeffatan yaadachiisanii, naannichi yeroo ammaa ijaarsa biyyaa keessatti ga'ee milkaa'aa bahachaa jira jedhaniiru.

Manni maree sablamootaa har'a naannichatti hundaa'es sabdaneesuummaa jiddugala godhachuun tokkummaa ummatoota naannichaa, waldanda'uufi obbolummaa cimsuuf xiyyeeffannoon ni hojjeta jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015