Tajaajila fayyaa hunda qaqqabsiisuuf sagantaa Inshuraansii fayyaa caalmaatti babali'isuun barbaachisaadha.

182

Mudde, 22/2015(TOI) - Tajaajila fayyaa hunda qaqqabsiisuuf sagantaa Inshuraansii fayyaa caalmaatti babali'isuun barbaachisaadha jedhan Itti aanaan Ministira Muummeefi Ministirri Dhimma Alaa Obbo D ammaqaa Mokonniin.

Sagantaan hojiirra oolmaa inshuraansii fayyaa waggaa 10ffaafi sagantaan jalqabsiisa hojii Mana Maree Biyyaalessaa inshuraansii fayyaa gaggeeffamaa jira.

Obbo Dammaqaa Makonnin haasawaa saganticharratti taasisaniin, mootummaan fayyaafi jiruuf jireenya lammiilee fooyyessuuf akkasumas hiyyummaa keessaa baasuuf tarsiimoowwan garaagaraa hedduu bocuun hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Sagaantaan tajaajila inshuraansii fayyaa hawaasaa kutaa hawaasaa qonnaan bulaa hedduu kan of keessatti hammatuufi waliingahiinsa tajaajila fayyaa kan mirkaneessudha jedhan.

Yeroo itti aanutti inshuraansii fayyaa hunda galeessa waliin gahuuf hirmaannaan hundaa barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan gamasaaniin, tajaajila fayyaa waliin gahuuf uwwisni inshuraansii fayyaa gahee olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Tajaajilicha aanaalee 894, naannolee fi bulchiinsota magaalaa hundatti hojiirra oolchuun lammiilee miiliyoona 49 fayyadamoo taasisuun danda’amuu eerameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015