Kaaba Itoophiyaatti lammiilee sababa waraanaan miidhaan irra gahee deeggarsi namoomaa marsaa lammaffaaf dhihaachaa jira.

87

Mudde, 21/2015(TOI) - Kaaba Itoophiyaatti lammiilee sababa waraanaan miidhaan irra gahee deeggarsi namoomaa marsaa lammaffaaf dhihaachaa jiraachuu Komishiniin Haggansa Sodaa Balaa Itoophiyaa beeksise.

Komishinarri Komishiinii Hoggansa Sodaa Balaa Itoophiyaa Ambaasaaddar doktar Shifarraawu Takimaarayam ibsa miidiyaaleef kennaniin akka himanitti naannoo Amahaaraa, Affaariifi Tigiraayitti marsaa jalqabaan deeggarsi namoomaa dhiheessuuf karoorfatee guutummaan guutuutti qaqqabeera.

Deeggarsa marsaa jalqabaan nyaanni meetirik tooniin kuma 141fi 671 gara naannolee sadanuu qaqqabeera.Marsaa lammaaffan immoo haga ammaatti midhaan nyaataa gara naannoo Amahaaraatti metirikitooniin kuma 25 naannoo Affaarittimeetirik tooniin kuma 2 gara naannoo tigiraayitti immoo meetirik tooniin kumni 1 ergameera.

Kunis deeggarsa marsaa lammaffaatti taasifamuuf karoorfame keessaa harka 20 ta'uu himanii deeggarsa hafus biraan gahuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Deeggarsi taasifamaa jiru kun koriidarii afuriin ta'uu himanii, hojii deebisanii dhaabuu ilaalchisees Koreen ministirootaa hundaa'ee hojjechaa jira jedhaniiru.


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015