Finfinneetti namoonnii waraqaa eenyummaa sobaa qopheessuun gurguratan to'ataman

99

Finfinnee, 20/2015(TOI) - Magaalaa Finfinneetti namoonni 3 waraqaa eenyummaa sobaa jiraatoota magaalaa Finfinnee ta'uu ibsu fakkeessuun hojjetanii gurgurachaa turan eeruu uummanni kenneen to'atamuu poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksise.

Namoonni kun kutaa magalaa Addis katamaa aanaa 7 bakka addaa naannawaa Atoobis taraa jedhamee beekamutti to'ataman.

Sakatta'umsa taasifameenis waraqaa eenyummaa sobaa qopheessuuf kan itti fayyadamaa turan Chaappaa fi waraqaaleen adda adda to'annoo jala oolaniiru.

Shakkamtoonni to'ataman kunneen gochaa seeraan alaa kana hojjechuuf Chaappaa geengoo lama bulchiinsa magaalaa Finfinneetti waajjira bulchiinsa kutaa magaalaa Addis Katamaa aanaa 6fi naannoo Amahaaraa godina Gondor Kaabaatti waajjira magaalaa Dabarqi gada 01 jedhutti fayyadamaa turuu poolisiin eerera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015