Ministirri Qonnaa fi hoggantoonni mootummaa biroon hojiilee misooma qonnaa godinaalee Baalee lamaanii hojjetamaa jiran daawwachaa jiru

181

Mudde, 20/2015(TOI) - Ministirri Qonnaa obbo Umar Huseeniifi hoggantoonni mootummaa biroon godina Baaleefi Baalee Bahaatti hojiilee misooma Qonna Qamadii kiilaasteeraan qotamee daawwachaa jiru.

Ministirichi erga hojii misooma qonnaa kana daawwataniin booda rakkoowwan hojiirratti mudataniifi hojiilee gara fuula duraatti sirrachuun hojjetamuu qaban irratti qonnaan bultootafi Dureeyyoota hojii invastimatii qonnaa hojjechaa jiran waliin ni mariyatu jedhamee eeggama.

Godina Baalee bahaa qofaatti bara oomishaa kana lafa heektaara kuma 144 irra sanyiin midhaanii adda addaa faca'eera.


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015