Namoonni misira duudaa Jibuutii gara biyyaa seenaa ture saaman qabaman

75

Mudde, 18/2015(TOI) - Namoonni misira duudaa abbummaansaa kan Sagantaa Qophii Nyaataa Idiladdunyaa ta’eefi biyya keessaa seenuuf imalarra ture faayidaa dhuunfaasaaniif oolchuuf yaalan harkaafi harkatti qabuusaanii Poolisiin Magaalaa Adaamaa beeksise.

Namoonni kunneen misira kana konkolaataa fe’umsaasaarraa hir’isuun konkolaata fe’umsaa birootti otoo garagalchaa jiranii qabuusaaniis ibseera.

Inispektar Warqinash Galmeechaa TOItti himanitti Adaamaa Kutaa Magaalaa Dambalaa Ganda Dagaagaa Iddoo Addaa Qaxanaa 6tti kaleessa halkan keessaa sa’aatii 7:00rratti namoonni kunneen hannarra otoo jiraniiti kan qabaman.

Konkolaataa fe’umsaa lakkoofsi gabateesaa koodii 3-09577 ET ta’een misiricha gumurukii Jibuutiirraa saamsamuun gara Adaamaa kan seene mankuusaa dhaabbatichaa Adaamaatti argamutti buusuu otoo qabanii fe’umsicha otoo hatanii qabamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015