Tigiraayitti Poolisiin Federaalaa dhaabbilee Federaalaafi nageenya hawaasaa eeguuf ittigaafatamummaasaa seeraan bahaachaa jira

92

Mudde 16/2015(TOI) - Naannoo Tigiraayitti Poolisiin Federaalaa bakkeewwan mootummaan Federaalaa to'atee jirutti dhaabbilee federaalaafi nageenya hawaasaa eeguun ittigaafatamummaasaa seeraan bahachaa jiraachuu Komishinarri Komishiinii Poolisii Federaalaa Jeneraalaa Dammallash Gabramikaa'el himan.

Komishinarichi ibsa kennaniin, Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa yakkoota daangaa qaxxaamuranii naannichatti raawwataman ittisuu keessattis ergamasaa karaa bu’aaqabeessa ta’een raawwachaa akka jiru eeraniiru.

Waliigaltee nageenyaa taasifame hordofuun poolisiin gargaarsa namoomaa, tajaajilii yaalaafi hawaasummaa biroon akka kennumuuf hojii bal’aa hojjechuus himaniiru.

Kana malees ummanni nagaan bahe akka galuuf hojii bal’aa hojjetamuus eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015