Afeerraan Irbaataa Sagantaa Shaggar Miidhagsuu Caamsaa 11 Bara 2011 Gaggeeffama

61

Finfinnee Caamsaa 2/2011 Afeerraan irbaataa sagantaa Shaggar miidhagsuu Caamsaa 11 bara 2011 akka gaggeeffamu wajjirri Ministeera muummee beeksiseera.

Sagantaa kana irrattis dhaabbileen Aduunyaa gara garaa, Imbaasiiwwan akkasumas dhaabbileen misoomaa akka hirmaatan himamee jira.

Hogganaan Prees Sakreetarii Waajjira Ministira Muummee obbo Nugusuu Xilaahuun akka jedhanitti mootummaan magaalota biyyattii keessatti argaman jireenyaaf mijjatoo akka ta'an hojjachaa jira.

Keessumattuu magaalaa Finfinnee miidhagsuun qileensa mijjataa ta'e akka argamuufi, bishaan qulqulluu ta'e akka argamuuf akkasumas Tuurizimiif mijjatuu akka taatu ni gargaara jedhani jiru.

Sagantaa kana irrattis dhabileen Aduunyaa, Imbaasiiwwan akkasumas dhaabbileen misoomaa akka hirmaatan obbo Nugusuun himanii jiru.

Hangaa ammaattis misooma kanaaf qarshiin hedduu dhaabbilee biyya alaa irraa argamuu isaas himanii jiru obbo Nugusuun.

Mootummaan Chaayinaas Diizaayinii Pirojaktii kanaa hojjachuu fi kiiloo meetira 12 kan ta'u ammoo misoomsuuf waaddaa galuu isaas dubbataniiru.

Pirojaktii kanaafis dhaabbileen biyya keessaa 200 ol ta'an qarshii fi humna isaaniin akka hirmaataniif hojjatamaa jiras jedhanii jiru.

Afeerraan irbaataa sagantaa Shaggar miidhagsuu kunis Caamsaa 11 bara 2011 masaraa Biyyooleesaatti akka gaggeeffamu wajjirri ministira muummee beeksiseera.  

Pirojaktiin kunis waggaa 3 keessatti ni xumurama jedhamee kan eegamu yoo ta'u, birrii biiliyoona 29 ni gafataa jedhameetu eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015