Baankonni guddina dinagdee biyyaa keessatti gaheen isaan qaban olaanaadha - Dr Hinaagar Dassee

94

Mudde, 15/2015(TOI) - Itoophiyaatti Baankonni buleeyyii fi haaraan guddina dinadgee biyyaaf gahee olaanaa bahachaa jiraachuu Bulchaan Baankii Biyyaaleessaa Itoophiyaa doktar Hinaagar Dassee himan.

Doktar Hinaagar Dassee sirna banisa Baankii Gadaa har'a taasifame irratti argamuun haasaa taasisaniin Itoophiyaatto Baankileen hunduu karaa sirrii kan deemaaniifi bu'a qabeeyyiidha jedhaniiru.

Keessaayyuu Baankoonni damee dhuunfaa deeggaruun guddina dinagdee keessatti gaheen isaan bahaa jiran guddadha jedhaniiru.

Dinagdeen kunneen baay'inaan liqaan kan socho'u waan ta'eef liqaan baankonni kennaa jiraan guddachaa dhufuu himaniiru.

Maddi liqaa immoo qusannaa waan ta'eef Baankonni qusannaa hojii bu'uuraa gudhatanii hojjechuu qabu jedhaniiru.

Guyyaa har'aa hojii isaa ifatti kan jalqabe Baankiin Gadaa bakka guddaa akka gahuuf qusannaarratti xiyyeffannoo guddaa kennee hojjechuu qaba jedhan.

Akkasumas qaqabamummaa isaa baadiyyaa godhachuun dinagdee qonnaa irratti xiyyeeffachuun akka hojjetu gaafataniiru.

Gara fuula duraatti dorgommiin jiru Baankota biyya keessaafi alaa waliin waan ta'eef baankichi damee hundaa tekinolojii barbaachisu hojiirra oolchuu qaba jedhaniiru.

Baankiin Biyyaalessaa Kaayyoofi galmi Baankichaa akka milkaa'uuf deeggarsa isarraa barbaachisu hunda kan taasisuuf ta'uus himaniiru.

Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa gama isaaniin Baankichi yeroo gabaabaa keessatti hojii dinagdee keessa galuun gahee isaa bahachuuf carraa guddaa qaba jedhaniiru.

Dinagdee keenyaa guddisnee addunyaa waliin dorgomuu qabna jedhanii kana gochuuf immoo hojii beekumsarratti hundaa'e hojjechuu qabna jedhan.

Mootummaan naannoo Oromiyaas milkaa'ina Baankichaaf deeggarsa barbaachisaa kan taasisuuf ta'uu himaniiru.

Pirezidaantiin Baankii gadaa obbo Waldee Bultii Baankichi dameewwan isaa 30 hojii jalqabuuf qophii xumuruu himaniiru.

Baankichi gara hojiitti akkuma galeen guddina dinagdee safisiisuu adeemsa dandeesisaniif xiyyeeffannoo kennee hojjeta jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015