Baatiiwwan shanan darbanitti oomisha bunaarraa galii Doolaarri miiliyoonni 615 ol argamuu ibsame

73

Mudde, 11/2015(TOI)- Baatiiwwan shanan darbanitti oomisha bunaa gabaa alaaf dhiyaaterraa galii Doolaarri miiliyoonni 615 ol argamuu Abbaan Taayitaa Bunaafi Shayii Itoophiyaa beeksise.

Gabaa bunaa babal’isuuniifi buna Chaayinaafi Indooneezhiyaatti erguun danda’amuus eerameera.

Itti aanaan Daarektara Olaanaafi hogganaan damee Bittaa abbaa taayitichaa obbo Shaafii Umar, baatiiwwan shanan darbanitti bunni toonii 109 ol gabaa alaaf dhiyaachuufi galii Doolaarri miiliyoonni dhibbi 6 fi miiliyoonni 15 fi kumni dhibbi 4 argamuu ibsaniiru.

Galichi kan bara darbee yeroo walfakkaataan yeroo madaalamu caalmaa Doolaara miiliyoona 100 kan qabu ta’uu ibsuusaaniiru.

Bara baajataa kanaan buna toonii kuma 360 gabaa alaaf dhiyeessuun galii Doolaara biiliyoona 2 argamsiisuuf karoorfatamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015