Eejansiin Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa Baankii Daldala Itoophiyaaf kanfaltii karaa dijitalawaa raawwachuuf waliigaltee mallatteesse.

418

Mudde 11/2015 (TOI) – Eejansiin Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa Baankii Daldala Itoophiyaaf kanfaltii karaa dijitalawaa raawwachuuf waliigaltee mallatteesse.

Waliigatichas kaleessaa Pirezidaantiin Baankii Daldala Itoophiyaa obbo Abbee Saanoo fi Daayrekteerri Eejansii Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa Aadde Masarat Asaffaan waliigalticha mallatteessaniiru.

Haala waliigaltee kanaan qonnaan bulaan bittaa galtee oomisha qonnaa kanneen akka Xaa'oo, Sanyii Filatamaafi Keemikaalota adda addaa raawwatu Baankii Daldala Itoophiyaatti karaa Dijitalaawaan raawwachuu akka danda'u kan taasisudha.

Pirezidaantiin Baankii Daldala Itoophiyaa Obbo Abbee Saanee akka himanitti kaayyoon waliigaltee kanaa qonnaan bultoota itti fayyadamoo tekinolojii taasisuun yeroo fi baasii isaa akka qusatu taasisuudha jedhaniiru.

Ademsii kun qonnaan bultoonni maallaqa baankiidha qaban irraa karaa Baankii moobaayiliin akka kanfaltii raawwatan kan gargaarudha jedhaniiru.

Daayrekteerri Eejansii Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa Aadde Masarat Asaffaa gama isaaniin akka jedhanitti qonnaan bulaa bira gahuuf kanaan dura Waldaaleen bu'uura sadarkaa gandaatti maallaqa callaa qonnaan bultootarraa walitti qabaa ture jedhaniiru.

Haallu kun immoo bu'a qabeessa akka hin taane himanii haala walii galtee kanaan qonnaan bulaan Baankii moobaayilii fayyadamee waan kan faltii raawwatuuf fayidaafi bu'aa hedduu qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015