Naannichatti lafa heektaara kuma 41 irratti Qamadiin jallisiin misoomaa jira.

88

Mudde, 11/2015(TOI) - Naannoo Affaaritti jallisii bonaan lafa heekataara kuma 41 irratti Qamadii gammoojjiitti margu oomishuuf hojiin hojjetamaa jiraachuu Biiroon misooma Beelladaa, Qonnaafi Qabeenya umamaa beeksise.

Biirichatti ogeessii misoomaa midhaanii obbo Alamaayyoo Tafarraa TOItti akka himanitti naannichatti Qamadii gammoojjiitti margu jallisiin oomishuuf xiyyeeffannoo guddaan kennameera.

Naannichatti Godina tokkoo fi sadi keessaatti aanaalee argaman 10 keessatti lafa heekataara kuma 41 fi 900 irratti jallisii bonaan qamadii oomishuuf karoorfamee hojjetama jira jedhaniiru.

Hojii haga ammaatti hojjetameen lafa qotamee qophaa'ee heektaara kuma 10 fi 500 keessaa heekataara kuma 5 irra qamadiin facaafamuu himaniiru.

Lafti qotamee hafe irra immoo hanga dhuma ji'a kanaatti ni facaafama jedhaniiru.

Hojii misooma Qamadii kana dureeyyoota, Gariin horsiise bultootaafi dargaggoota waladaan gurmaa'anii hojjetaniitu hojjechaa jiras jedhaniiru.

Hojii isaan hojjetan kanaaf dhiheessiiin sanyiin filataama, xaa'oo akkasuma deeggarsi ogummaa karaa mootummaan taasifamaafi jiraachuu obbo Alamaayyoon himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015