Hoji dhabdummaa xiqqeessuuf carraaqqii taasifamurratti qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjachaa jiraachuu yunivarsiitiin Madda Walaabuu hime.

317

Mudde, 7/2015(TOI) - Hoji dhabdummaa xiqqeessuuf carraaqqii taasifamurratti qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjachaa jiraachuu yunivarsiitiin Madda Walaabuu hime.

Dhaabbanni buqqaatota idil addunyaa, karaa deeggarsa mallaqa gamtaa Awrooppaafi yunivarsiitii Madda Walabuu waliin qindaahuun warshaa nyaata loonii oomishu darggaggootaafi bite qooda fudhattoota jidduutti wal harkaa fuudhiinsi raawwatee jira.

Sirna kanarratti kan argaman Pirezidaantiin Yunivarsiitii Madda Walaabuu Doktor Ahmad Kaliil akka jedhanitti yunivarsiitichi sirna baruuf barsiisuu cinaatti tajaajila hawaasaa qorannoo bu'ura godhatan geeggessuun fala rakkoorratti qooda fudhattoota gara garaa waliin qindoomee hojjachaa jira jedhan.

Keessattuu hujiilee gama qonnaa, fayyaa,qabeenya uumamaafi turiizimiitiif xiyyeeffannoo addaa kennuun irratti hojjachaa jiraachuus himan.rakkoolee huji dhabdummaa dargaggootaa xiqqeessuufi leenjiin hubannoo uumuus hujiilee ijoo yunivarsiitichaan hojjataman keessaa tahuus dubbatan.

Yunivarsiitichatti pirezidaantiin dhimmoota baruufi barsiisuu Doktor Bazzaabbih Wanddimmuu gama isaaniitiin yunivarsiitichi rakkoo huji dhabdummaa dargaggootaa bal'inaan mul'atu xiqqeessuufi xiyyeeffannoon hojjachaa jira jedhan.

Dargaggoota kara dhaabbata buqqaatota idil addunyaa kanaan carraan hujii uumameef kanaafis Leenjiin intarpiruunarshiippiifi, milkaahina hujii isaaniitiif tumsu kennamuufis eeran.

Yunivarsiitichi dargaggoonni kunniin hujii eegalan kanaan akka milkaahaniifi deeggarsa ogummaafi hordoffiin kan taasifamuufi tahuus eeran.

Bulchaa Ittaanaan Godina Baalee obbo Abrahaam Haylee gama isaaniitiin mootummaan rakkoo huji dhabdummaa dargaggootaa xiqqeessuifi xiyyeeffatee hojjachaa jiraachuu himan.

Dhaabbata buqqaatota idil addunyaa carraa dargaggootaa uumeefis galateffatanii jiru.

Dargaggoonni carraan hujii uumameefi gama isaaniitiin kanaan dura gara biyya ambaa baqachuun rakkoo gara garaatiifi saaxilamuu yaadatan.

Yeroo ammaa haala mijataa uumameefitti fayyadamuun biyyumma ofirratti hojjatanii of jijjiiruuf hamilee horachuus dubbachuun qooda fudhattoota isaaniifi tumsan galateeffatanii jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015