Itoophiyaatti barattoonni miiliyoonni 26 ol barumsarra jiru

139

Mudde 6/2015(TOI)- Itoophiyaatti barattoonni sadarkaa idileen duraa hanga kutaa 12ffaa jiran miiliyoonni 26 ol barumsarra jiraachuu Ministeerri Barnootaa beeksise.


Yuunivarsiitii Finfinneetti Inistiitiyuutiin Qorannoo Imaammataa Yuunivarsiitii Kaambiriiji waliin ta’uun jijjiiramoota sirna barnootaa Itoophiyaa bara faranjootaa 2017-2022 taasifaman irratti qorannoo gaggeessuu ibsameera.


Deetaan Ministira Barnootaa Dooktar Faantaa Maandafroon, qulqullina barnootaa fiduuf jijjiiramoota sirna barnootaarratti taasifamaa jiran waltajjii bu’aa qorannichaa dhiyeessuuf qophaa’erratti argamuun eeraniiru.


Hojii waliin ga’iinsa barnootaarratti hojjetameen yeroo ammaa sadarkaa idileen duraarraa eegalee hanga kutaa 12ffaatti barattoonni miiliyoonni 26fi kumni dhibbi 5 barumsa barachaa jiraachuu himaniiru.


Bifuma walfakkaatuun baay’inni barsiisotaa kuma dhibba 7 ol ta’uufi manneen barnootaa kumni 43 tajaajila baruufi barsiisuu kennaa jiraachuu ibsaniiru.


Qulqullina barnootaa baay’ina lakkoofsa barattootaa, barsiisotaafi manneen barnootaa waliin walgitu fiduuf hojii bal’aa kan gaafatu ta’uu eeruun, hundi gaheesaa akka bahatu waamicha dhiyeessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015