Sadarkaa Biyyaalessaatti Sosochiin Misooma Bosoonaa Fi Dhaabbii Biqiltuu Eegalamuufi

76

Caamsaa 01, 2011 Sadarkaa biyyaalessaatti sosochiin Misooma Bosoonaa fi dhaabbii biqiltuu kan eegalamu ta’uu Komishiniin naannoo, bosonaa fi jijjiirama haala qilleensaa beeksise.

Sosochichi ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadii fi ministiroonni dameewwan gara garaa hoggananiin kan durfamudha jedhameera.

Sosochiin misooma magariisaa kun biqiltoonni dhaabaman sadarkaa gaariitti akka kunuunfaman ni hordofama.

Itiyoophiyaan damicharraa amma fayyadamuu qabdu akka fayyadamtus ni hojjetama jedheera komishinichi ibsa isaatiin.

Sosochii biyyaalessaa kanaan biqiltuuwwan gosa addaddaa biiliyoona 4 dhaabuuf karoorfameera.

Hanga ammaattis biqiltuun biiliyoonni 3 buufataalee misooma biqilqtuutti kan qophaa’e yammuu ta’u, kan hafemmoo damee dhuunfaa fi hawaasaan guutuuf sochiin taasifamaa jira.

Madda: BDHKMNO

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015