Naannoon Beenishaangul Gumuz koree farra malaammaltummaa miseensota 7 of keessaa qabu hundeesse

82

Mudde 4/2015()- Naannoon Beenishaangul Gumuz koree farra malaammaltummaa miseensota 7 of keessaa qabu hundeessuu ibsame.

Pireezidaantiin naannichaa obbo Ashaadilii Hasan, qabsoo malaammaltummaafi hojiimaata badaa ittisuuf taasifamu karaa qindaa’aa ta’een bu’aa qabeessa taasisuuf koreen farra malaammaltummaa miseensota 7 of keessaa qabu hundaa’uu ibsaniiru.

Mootummaan naannichaa malaammaltummaafi hojiimaata badaa ittisuun hojiilee misoomaa hawaasa fayyadamoo taasisan cimsuuf kutannoon kan hojjetu ta’uu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015