Qaxanichatti nagaafi tasgabbiin akka umamuuf IGAD hojiiwwan qabatamaa heddu hojjeteera

69

Sadaasa 30/2015(TOI) - Qaxanichatti nagaafi tasgabbiin akka umamuuf IGAD hojiiwwan qabatamaa heddu hojjeteen jijjiramoonni hedduun argamuu barreessaan olaanaa IGAD doktar Wariqinee Gabayyoo beeksisan.

IGAD raawwii hojiifi milkaa'ina ijoo bara 2022 akkasuma karoora bajata bara 2023 irratti mariyateera.

Barreessaan olaanaa IGAD doktar Wariqee Gabayyoo yeroo kana akka himanitti ambaasaaddaroonnifi ogeeyyiin IGAD waltajicharratti dhimmoota ijoo irratti mariyataniiru.

IGAD qaxanichatti bara bajataa 2022 xumuramuuf jirutti nagaafi tasgabbii buusuurratti hojii hojjeteen jijjiramoota qabatamaa fideera jedhaniiru.

Hoggansa Gamataa Afrikaan waliigalteen nageenyaa mootummaa Itoophiyaafi ABUT jiddutti taasifame akkasuma waliigalteen Sudaanitti nagaa buusuuf taasifame qaxanichatti milkaa'ina argamedha jedhaniiru.

Nageenyii waaraan qaxanichatti itti fufinsa akka qabaatuuf dirqamni IGAD irra jira kan jedhan doktar Warqineen kana milkeesuuf humna dinagdee cimsacuun barbaachisadha jedhaniiru.

Bara 2022 bajanni IGAD harka 10 ta'uu himanii bara 2023tti bajanni kun harka 15 guddachuu murtoon biyyoota miseensa biyyoota IGAD hagam cimaa akka ta'e agarsiisa jedhaniiru.

Ta'us garuu biyyoonni kunneen bajata IGAD dafanii qaqqabsiisuu irratti hanqinni waan jiruuf kana fooyyeessuu qabu jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015