Poolisiin federaalaa Itiyoophiyaa fi poolisiin Somaaliyaa waliigaltee waliin hojjechuu dandeessisu mallatteessan

82

Sadaasa 30/2015(TOI)--- Poolisiin federaalaa Itiyoophiyaa fi poolisiin Somaaliyaa waliigaltee waliin hojjechuu dandeessisu mallatteessan

Waliigaltichi dhimmoota daangaa cehanirratti waliin hojjechuuf kan dandeessisu yemmuu ta’u, keessumaa shororkeessummaa, namoota seeraan ala deddeebisuu fi meeshaa waraanaa deddeebisuu ittisuuf waliin hojjechuuf kan dandeessisu ta’uun ibsameera.

Waliigalteen kun hoggantoonni poolisii Somaaliyaa dargaggoonni kolleejii poolisii Itiyoophiyaatti akka leenji’an kan dandeessisu yoo ta’u, miseensonni poolisii Somaaliyaa 40 ol ta’an dhiheenyatti Itiyoophiyaa dhufanii sadarkaa digirii jalqabaa fi lammaffaatiin leenjii akka fudhatan ibsameera.

Komishinariin komishinii poolisii federaalaa Dammallaash Gabramikaa’el gita isaanii Somaaliyaa Meejer Jeneraal Abdii Hasan waliin mallatteessaniiru.

Yaa’iin waliigalaa gamtaa ajajoota Afriikaa bahaa 24ffaa guyyoota jahaaf Finfinneetti gaggeeffamaa ture har’a ni xumurama jedhameetu eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015