Waliigalteen nageenyaa taasifame damee Hootelaafi Turizimii si'eessaa jira

68

Sadaasa 30/2015(TOI) - Rakkoo nageenyaa Kaaba biyyattii umamee tureen dameen Hootelaafi Turizimii hojiin isaa laafee ture erga waliigalteen nageenyaa taasifameen booda dameen Hootelaafi Turizimii si'eessaa jiraachuu dureeyyoonni damee kanarratti hojjechaa jiran himan.

Dabalataanis dhorkiiwwan sababa weerara Vaayirasii koronaan kaa'amanii toran fooyya'uu isaanis dameen kun deebi'ee caalaatti akka si'aawuf sababa ta'eera jedhaniiru.

Keessaayyuu erga waliigalteen nageenyaa taasifamee as damee kanarratti jijjiramni gaariin baay'een argamuu hoggantoonni Hootela Kaalebuufi Waladaan daawwachiiftoota Itoophiyaa himaniiru.Jijjiramni gaariin yeroo ammaa biyyatiitti muli'achaa jirun indarsirichaaf sosochii gaarii fidaafii jirachuu hoji geggeessan Hootela Kaalebuu obbo Geetabichaa Dajanee himaniiru.

Daawwannaafi Dhimma hojiif gara biyyaatti dhufaa kan jiran lammileen biyya alaafi Diyaaspooraan dhalatoonni Itoophiyaa damichii si'oomina gaarii akka agarsiisuu taasisuu isaaniin lakkoofsi fayyadamtoota Hooteloota akka dabalee eeraniiru.

Keessayyuu imaaltonniifi daawwatoonni biyyoota ollaarraa dhufan akkan dabaluu obbo Geetabichaan himaniiru.

Itti gaafatamaan Waldaa Daawwachiiftoota ''Taallaqo'aa'' Itoophiyaa obbo Daani'eel Tasfaayee gama isaaniin tasgabbii dhabuun biyyatti damee indastirii karratti dhiibbaa cimaa uumee ture jedhaniiru.

Erga waliigalteen nageenyaa taasifamee as daawwatoonni Imeeliifi bilbilaan gaaffii daawwannaa dhiheessaa jirachuu himaniiru.Kuni immoo indastiricharratti abdii gaarii kan uumeefi namoota hedduufis carraa hojii hedduu kan banu ta'uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015