Baatii shanan darbanitti naannoo Beenishaangul Gumuzirraa Warqiin kumtaala 3 Baankii biyyaaleessaaf dhihaateera

104

Sadaasa 30/2015(TOI) - Baatii shanan darbanitti naannoo Beenishaangul Gumuzirraa Warqiin kumtaala 3 Baankii Biyyaalessaaf dhihaachuu Biiroon Misooma Qabeenya Albuudaa naannichaa beeksise.

Naannichi bara bajataa kana Warqee kumtaala 30 oomishuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu hogganaan biirichaa obbo Naasir Mahaammad TOItti himaniiru.

Kana keessas waldaaleen oomisha warqeerratti bobba'anii jiran baatii shanan darbetti Warqee kumtaala 3 baankii biyyaalessaaf dhiheessuu himaniiru.

Oomishinni kun akkataa karoora qabamee jiruun gad aanaa ta'uu himanii, karaa gabaa seeraan alaan naannoo dangarraan oomishinni Warqee gara biyya alaatti baahaa waan jiruuf haala karoorfameen hojjechuun dadhabame jedhaniiru.

Rakkoo kana furuuf koree jabaa aanaarraa hanga federaalaatti walitti dhufe ijaaruun to'annoofi ittisuun hojjetamuu jalqabuu himaniiru.Yeroo dhihootti karaa daangaafi buufata xayyaaraa Asoosaan warqee giraama 400 gara alaatti baafamuuf ture to'atamuu akka fakkeenyaatti eeraniiru.

Namoota 30 karaa seeraan alaa Warqee daddabarsaan to'achuun isaan keessaa 29 irratti himata banuuf qorannoon taasifamaa jiraachuus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015