Haroo dabalatee eela namtolcheen omishtummaa qurxummii guddisuuf hojjetamaa jira-jiddu galeessa qorannoo

184

Sadaasa 29/2015(TOI)---Haroo dabalatee eela namtolcheen omishtummaa qurxummii guddisuuf hojjetamaa akka jiru inistiitiyuutii qorannoo qonnaa Oromiyaatti jiddu galeessi qorannoo qurxummii Baatuu fi lubbu qabeeyyii bishaan keessaa kan biroo ibse.

Hoji gaggeessaa fi qorataan jiddugalichaa Alamaayyoo Abbabaa TOIf akka ibsanitti, jiddugaleessichi hojiiwwan qorannoo omishtummaa qurxummii guddisuu danda’an adeemsisuun fayyadamummaa hawaasaa guddisaa jira.

Haala kanaan rakkoowwan qurxummii kiyyeessuuf Haroowwanirrarratti mul’atan hir’isuuf hawaasni eela namtolcheen qurxummii horsiisuun haala itti fayyadamuu danda’u uumaa akka jiru dubbataniiru.

Qurxummiin tokko al tokkotti hanqaaquu kuma 1 fi 500 ol akka buusu eeranii, haa ta’u malee sababa jijjiirama haala qilleensaa fi sababoota birootiin amma 500 kan ta’an qofticuuciitti akka geeddaraman ibsaniiru.

Jiddu galeessichi rakkoo kana haala hir’isuun danda’amuun wayitiiwwan arfanittuu carraa qurxummii eela namtolcheerratti omishuu dandeessisu uumuusaa eeraniiru.

Haala kanaan eela namtolchee tokkoon qurxummii kuma 10 amma kuma 12 argachuuf haalli dandeessisu uumameera jedhaniiiru.

Eelawwan namtolchee jiddugaleessichatti argaman 200n cuuciiwwan qurxummii kuma 100 omishuudhaan kanneen qurxummii horsiisuu barbaadaniif raabsamaa akka jiru ibsaniiru.

Kanneen qurxummii omishuu barbaadan cuucii qurxummii qaqqabsiisuun alatti deeggarsi ogummaa kennamaa jira jedhaniiru.

Pirojektiin beelladaa fi misooma qabeenya qurxummii federaalaa galteewwan horsiisa qurxummiif oolan dhiheessuun, ijaarsota babal’isaa kanneen biro adeemsisuun jiddu galeessichaaf deeggarsa kennaa akka jiru himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015