Naannoon Kibbaa koreen farraa malaanmaltumaa miseensota shan qabu hundeesse

75

Sadaasa 29/2015(TOI) - Pirezdaantiin Naannoo Kibbaa Obbo Ristuu Yirdaawu naannichatti hannaafi hojmaata badaarratti qabsaa’uuf koree farraa malaanmaltummaa miseensota shan qabu hundeessaniiru.

Hannaafi hojmaata badaa sadarkaan raawwatamurratti qabsaa’uuf gaheen hawaasaa olaanaa ta’uu Obbo Ristuun ibsaniiru.

Haaluma kanaan

. 1. Obbo Alamaayyoo Baawudii Hogganaa Biiroo Nageenyaafi Tasgabbii naannichaa - Walitti Qabaa

2. Obbo Sofooniyaas Dastaa Hogganaa Biiroo Haqaa- Miseensa

3. Obbo Abarraa Kiphee Komishinara Komishinii Naamusaafi Farra Malaammaltummaa naannichaa-Miseensa

4. Aadde Fadiilaa Adam Oditara Olaantuu Waajjira Odiitara Olaanaa naannichaa - Miseensa

5. Obbo Nuriyyee Sulee Hogganaa Waajjira Dhimmoota Bulchiinsa Gaariifi Naannawaa - Miseensa ta’uun muudamaniiru.

Miseensonni korichaas hojiisaanii kutannoofi bu’aa qabeessumaan akka hojjetaniif hawaasni eeruu barbaachisaa akka kennuufi tumsu Obbo Ristuun waamicha dhiyeessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015