Itoophiyaan ni qoramti malee hin injifatamtu yeroo dhihootti injifannoo biroon walitti deebiina - MM Abiy Ahimad

71

Sadaasa 29/2015(TOI) - Itoophiyaan ni qoramti malee hin injifatamtu yeroo dhihootti injifannoo biroon walitti deebiina jedhan Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad sirna kabaja ayyaana Saboota,Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa 17ffaa Istaadiyeemii Hawaasaatti kabajamaa jiru irratti ergaa dabarsaniin Guyyaan saboota, sablamootaafi Uummatoota Itoophiyaa guyyaa Itoophiyaan haala gaariin guuttee itti muli'attu Guyyaa Itoophiyaati jedhaniiru.

Guyyaan kun guyyaa hundi keenya Itoophiyaaf baay'ee barbaachisoo akka taane gaaddisa Itoophiyaa jala teenyee barsiisnudha jedhaniiru.Haala nagaan jiraachuu dandeenyu yoo uumuu hin dandeenye waan barbaannu galmaan gahuu hin dandeenyu waan ta'eef hundi keenya rakkoo Itoophiyaa furuuf hojjechuu qabna jedhaniiru.

Seeanaan kaleessaa kan irraa baratan malee kan ittiin wal komatan ta'uu hin qabu jedhaniiru. Seenaa duraa irratti hirkachuun waldhiibuufi wal balleessuun dhabbachuu akka qabu hubachiisaniiru.

Itoophiyaan ni qoramti malee hin hin injifatamtu kan jedhan doktar Abiy rakkoon nu mudatee gaddisiisaa ta'us biyyaafi dhaloota boruu ijaaruuf lammileen barbaannu ni injifanna, Itoophiyaanis ni badhaati jedhaniiru.

Itoophiyaanoonni seenaa kaleessaarraa barachuun tokkummaa keenya cimsuu qabnas jedhaniiru.

Humnoota farreen nageenyaa tokkuummaa Itoophiyaa diiguu barbaadanis, yaadni isaanii milkaa’uu akka hin dandeenye himaniiru.

Nageenya Kaaba Itoophiyaa itti fufiinsaan mirkaneessuuf hunduu gaheessaa bahachuu akka qabus dhaaman.

Hawaasni Itoophiyaa hunduu yeroo kamiyyuu caalaa tokkummaa fi jaalala Itoophiyaa irratti hojjechuu qabas jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015