Pirezidaantonni naannolee, Kantiibonnii fi hoggantoonni paartii badhaadhinaa ayyaana guyyaa saboota sablammootaa fi ummattootaarratti argamuuf Hawaasaa seenaa jiru.

115

Sadaasa 28 /2015 (TOI)--- Guyyaan saboota sablammootaa fi ummattootaa 17ffaa qopheessummaa naannoo Sidaamaatiin boru kabajamurratti argamuuf Pirezidaantonni naannolee, Kantiibonnii fi hoggantoonni paartii badhaadhinaa olaanoon magaalaa Hawaasaa seenuu jalqabaniiru.

Pirezidaantiin naannoo Gaambeellee Umod Ujuluu, pirezidaantiin naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa, pirezidaantiin naannoo Amaaraa doktar Yiliqaal Kaffaalee, pirezidaantiin naannoo Somaalee Musxafee Mahaammad, pirezidaantiin naannoo Hararii Ordiin Badrii, Pirezidaantiin naannoo Beeniishaangul Gumuuz Ashaadlii Hasan, itti aanaan pirezidaantii naannoo Itiyoophiyaa kibba lixaa doktar injiinar Nagaash Wageeshoo, kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee adde Adaanech Abeebee fi kantiibaan bulchiinsa magaalaa Dirreedawaa Kadir Juhaar hawaasaa galaniiru.

Pirezidaantiin itti aanaa Paartii badhaadhinaa ob. Adam Faaraah dabalatee miseensonni koree hojii raawwachiiftuupaartichaa Hawaasaa galaniiru.

Keessummoonni wayita Hawaasaa galan pirezidaantiin naannoo Sidaamaa ob. Dastaa Leedaamoo fi agna’oonni naannichaa kanneen biro simataniiru.

Guyyaa saba sablammootaa fi ummattootaa 17ffaa boru kabajamuuf  qophiin barebaachisu xumuramuusaa pirezidaantiin naannoo Sidaamaa ob. Dastaa Leedaamoo ibsuusaanii TOI gabaasuunsaa ni beekama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015