Damee qonnaa haala qabatamaa jaarraa 21ffaa keessa galchuu qabna

95

Sadaasa 28/2015 (TOI) – Damee qonnaa haala kaleessa baratameen hojjechuun waan hindanda’ameef haala qabatamaa jaarraa 21ffaa keessa galchuu qabna jedhan Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudeen.

Koonfiraansiin qonnaa biyyaalessaa mata duree “Bu’aa caaluuf qonna keenya bocuu” jedhuun gaggeeffamaa jira.Waltajjicharratti Pireezidaantii FDRI Saahilawarqi Zawudee, Ministiraa Ministeera Qonnaa Obbo Umar Huseen dabalatee hoggantoonni dhaabbilee biyyaa keessaa fi idil addunyaa qonnaarratti hojjetan argamaniiru.

Pireezidaanti Saahilawaqi Zawudee haasawaa taasisaniin, Ityoophiyaan lafa qonnaaf mijatu hektaara miiliyoona 36 kan qabduu fi kana keessaa lafti qonnaan misoomaa jiru hektaara miiliyoona 13.4 ta’uu kaasaniiru.

Itoophiyaan qabeenya misooma qonnaaf mijatoo ta’an qabaattus baroota dheeraaf gargaarsaa alaa jala turuu yaadachiisaan.

Nyaataan of danda’uun wabii nyaataa mirkaneessuu qofaa utuu hintaanee kabaja biyyaa eegsisuu akka ta’ee ibsuun, oomishtummaan qonnaa fooyya'uu n guddina tokkoon tokkoo lammiileerratti gumaacha mataasa akka qabu kaasan.Akkaataan hojii qonnaa addunyaarratti jijjiiramuu fi damee ogummaawwan hedduun utubamu waan ta’eef, haala qabatamaa jaarraa 21ffaa keessa galchuu qabna jedhaniiru.

Kana hojiirra oolchuun ammoo hirmaannaa dhaabbilee biyya keessaa, alaa, namoota dhuunfaa, waldaalee qonnaan bultootaa, dhiyeessitoota galtee, dhaabbilee faayinaansii, daldalaa fi geejjibaa kan barbaadu waan ta’eef fuuncaa addaan hincinne uumuu qabna dubbatan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015