Misooma waaraa fi badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf hirmaannaa fi gumaachi ogummaa hayyootaa murteessaa ta’uun ibsame

85

Sadaasa 26/2015(TOI)--- Misooma waaraa fi badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf yaalii taasifamu keessatti hirmaannaan cimaa fi gumaachi ogummaa hayyootaa murteessaa ta’uun ibsame.

 “Mata duree “olaantummaa Itiyoophiyaaf ga’ee hayyootaa” jedhuun waltajjiin marii hayyootaa biyyaalessaa Finfinneetti adeemsifamaa jira.

Waltajjii marii yunivarsiitii barnootaa Kotobee fi yunivarsiitii saayinsii fi teekinooloojii Finfinnee walii qophaa’erratti ministirri barnootaa piroofeesar Birhaanuu Naggaa dabalatee hayyoonni yunivarsiitii fi dhaabbileen qorannoo hedduun argamaniiru.

Pirezidaantiin yunivarsiitii barnootaa Kotobee doktar Biraanamasqal Xannaa ergaa waltajjicharratti dabarsaniin misoomaa fi badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf yaalii taasifamu keessatti hayyoonni ga’ee bakka hin buune qabu jedhaniiru.

Kanaaf hayyoonni misoomaa fi guddina biyyaaf kaayyoo tokkoof duudhaa waloo irratti xiyyeeffachuun akka hojjetan gaafataniiru.

Yaalii badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf taasifamu keessatti hirmaannaan cimaa fi gumaachi ogummaa hayyootaa murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Dhaabbileen barnootaa olaanoo baruu fi barsiisuu cinaatti hojii qorannoo fi qo’annootiin rakkoolee naannawaa, biyyaalessaa fi riijinii hiikuu qabu jedhaniiru.

Hojiileen qorannoo fi qu’annoo hayyootaa faayidaa biyyaalessaa biyyattii tilmaama keessa kan galchan akka ta’an mirkaneessuu barbaachisa jedhaniiru.

Yunivarsiitii Finfinneetti hojjetaa jiddu galeessa qorannoo Afriikaa fi Isiyaa doktar Saamu’eel Tafarraa, barreeffama rakkoolee hirmaannaa hayyootaa agarsiisu dhiheessaniiru.

Hayyoonni dhimma biyyaarratti yaada kennuuf miidiyaalee irratti amantaa dhabuun rakkoo tokko ta’uu qorannoo taasifameen adda bahuusaa eeraniiru.

Hundaa ol biyya dursuu fi kanaaf ammoo gumaacha barbaachisu bahuun itti gaafatamoota hayyootaa dursi kennamuuf ta’uu qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015