Qonnaan bulaan oomisha gabaaf oolu qulqullinaa fi baay’inaan akka oomishu hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Qonnaan bulaan oomisha gabaaf oolu qulqullinaa fi baay’inaan akka oomishu hojjetamaa jira

Sadaasa 24/2015(TOI)---Qonnaan bulaan nyaatarra darbee oomisha gabaaf oolu qulqullinaa fi baay’inaan akka oomishu qaamolee gardaaran waliin hojjetamaa akka jiru kimishiniin hojii gamtaa Itiyoophiyaa ibse.
Waltajjiin qonnaan bultoonni oyirii xiqqaa qaban teekinooloojii fi paakeejii fooyya’e fayyadamanii oomishaa fi oomishtummaa isaanii guddisuun danda’amurratti xiyyeeffate adeemsifameera.
Komishinichatti daarektarri babal’isa waldaa hojii gamtaa ob. Dirribaa Baqqalaa TOIf addatti akka ibsanitti, dandeettii waldaalee hojii gamtaa gabbisuun tooftaa qonnaa qonnaan buylaa ammayyeessuu fi gabaarratti xiyyeeffatee akka oomishu hojjechaa jirra jedhaniuiru.
Yuuniyeenonni warshaa zayitaa fi daakuu hundeessuun oomisha qonnaa calla gabaatti dhiheessuu manna bu’aa itti dabalanii dhiheessuun bu’a qabeessa ta’aa dhufuusaanii himaniiru.
Hojiin qonnaa daldala akka ta’u jijjiiramni ilaalchaa fi hubannoo qonnaan bulaa biratti akka dhufu akkasumas midhaan nyaataan alatti oomishoota gabaaf oolan qulqullinaa fi baay’inaan akka oomishu dhaabbata Tuuskeel jedhamu hojjechaa jirra jedhaniiru.
Hojii gaggeessaan Yuuniyeenii Kasam ob. Amaakkalee Zawuduu gamasaaniitiin, waldichi dhaabbaticha waliin ta’ee meekaanaayizeeshinii, itti fayyadama xaa’oo fi keemikaala farra aramaa, qophii xaa’oo uumamaa irratti hojjechaa akka jiru dubbataniiru.

Dhaabbaticha Waliin hojjechuu erga jalqabnee asitti waggaa lama dura birrii miiliyoona 16 tuqaa 5 kan ture kaappitaalli yuuniyeenichaa wayita ammaa miiliyoona 68 qaqqabeera jedhaniiru.
Itiyoophiyaatti hojii gaggeessaan Tuuskeel ob. Takkaaliny Ayyaanaa gamasaaniitiin, wabii nyaataa mirkaneessuu fi sirna nyaataa gabbisuuf komishinicha, yuuniyeenotaa fi waldaalee bu’uraa waliin taanee dandeettii qonnaan bulaa gabbisuurratti hojjechaa jirra jedhaniiru.
Qonnaan bultoonni qabiyyee xiqqaa qaban guddina oomishaa fi oomishtummaasaaniif, qonni gabaarratti xiyyeeffate akka babal’atuu fi hojiin qonnaa kunuunsa lafaarratti xiyyeeffatee akka raawwatamu qonnaan bulaaf leenjii kennaa jirra jedhaniiru.