Atileet Lettesanbat Yeroo jalqabaaf maaraatoonii dorgomuufi

139

Sadaasa 24 bara 2015 (TOI)---Riikordii meedaaliyaa afurii kan qabdu Lettesanbat dorgommii maaraatoonii Vaaleenshiyaa Ispeenitti taasifamu Irratti yeroo jalqabaa ni dorgomti.

Dorgommiiwwan addaddaatiin kan milkoofte Lettesanbat, ammammoo maaraatoonii ni dorgomti.

Maaraatoonii Vaaleenshiyaa 42ffaa irratti tokko jettee ni jalqabdi.

Milkaa’ina atileetiksii atileet Lettesanbatii fi magaalaa Vaaleenshiyaa adda baasanii ilaaluun hin danda’amu.

Turtii atileetiksii amma ammaatti riikordii haaraa kan galmeessite magaalaa vaaleenshiyaatti.

A.L. Awurooppaatti bara 2020 dorgommii meetira kuma shanii Vaaleenshiyaatti adeemsifameen daqiiqaa 14, sakondii 6, maayikiroo sakandii 62n galuun riikardii addunyaa atileetii beekamtuu Xurunash Dibaabaan qabamee ture sakondii shaniin fooyyessiteetti.

Waggaa tokkoo booda Vaaleenshiyaatti maaraatoonii walakkaan sa’aatii 1, daqiiqaa 2, sakondii 52n xumuruun riikardii atileetii Keeniyaa Ruut CheepGeetiichiin qabamee ture sakondoota 110n fooyyessiteetti.

Atileet Lettesanbat akkaataan ittiin mo’atte “seenaa ga’umsa dorgommii fiigicha dheeraa keessatti mul’atan keessaa isa tokkodha jedhameera.

Atileetittiin boru gara Vaaleenshiyaatti wayita deebitu riikardii maaraatoonii dubartootaa sa’aatii 2, daqiiqaa 12, sakondii 5 atileetii Keeniyaa Biriijiid Koosgeeyiin qabame fooyyessuuf ni fiigdi.

Atileet Lettesanbat riikardii addunyaa fiigicha meetira kuma 10 fi fiigicha dirreerraa kiiloomeetira 15 harkatti galfatteetu argamti.

Baatii Adoolessaa bara 2014 shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa 18ffaa Ameerikaa Iwujiinitti meetira kuma 10 adeemsifameen meedaaliyaa Warqee argachuunshee ni yaadatama.

Atileetonni Suutumee Asaffaa, Taageny Walduu fi Tiikii Galaanaa maaraatoonii Vaaleenshiyaa boru adeemsifamurratti ni hirmaatu.

Atileetiin Keeniyaa Sheeyilaa Cheepkiiruuy dorgommii kanaan Itiyoophiyaanotaaf dorgomtuu cimaa ni taati jedhameera.

Dorgommii dhiiraatiin shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa baatii Adoolessaa Ameerikaa Iwujiinitti taasifameen meedaaliyaa Warqee kan fudhate atileet Taammiraat Tolaa ni eegama.

Atileetonni Geetaanee Mollaa, Daawiit Waldee fi Milkeessaa Mangashaa dorgommii kanarratti ni hirmaatu.

Dorgommii kana ni mo’atu jedhamee tilmaamni kan kennameef keessaa Atileetiin Keeniyaa Joonaataan Koriir keessatti argama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015