Guyyaan dippilomaasii aadaa Itoophiyaa Amajjii 4 kabajama

60

Finfinnee Mudde 24/2011 Guyyaan dipplomaasii aadaa Itoophiyaa torbee dhufu Amajjii 4 bara 2011 Finfinneetti akka kabajamu ibsame.

Guyyaan kabajaa kun aadaa, hambaa fi seenaa Itoophiyaanotaa dippilomaatota Afriikaaf  beeksisuu irratti kan xiyyeeffate akka ta’e waajjirri dubbi -himaa ministeera dhimma alaa ibsa tajaajila oduu Itoophiyaaf ergeen beeksiseera.  

Ministeera dhimma alaatti daayirekterri jeneraalaa pabiliik dippilomaasii ob. Radaa’ii Girmaayi guyyaa kabajaa kana irratti itti gaafatamtoota ministeera dhimma alaa fi ministeera aadaa fi tuurizimii dabalatee gamtaan Afriikaa fi komishinaroonni komishinii dinagdee Afriikaa ni argamu jedhaniiru.

Kana malees teessoon isaanii Finfinnee kan ta’e ambaasaaddaroonni biyyoota Afriikaa 55nii, itti gaafatamtoonni waajjira aadaa fi tuurizimii Finfinnee fi Oromiyaa, akkasumas qaamoleen addaddaa waamichi taasifameef akka argaman ibsameera.   

Guyyaa kanatti masaraa fi godambaan Inxooxxoo, bakkeewwan tuuriizimii Finfinnee keessatti argaman, akkasumas “Yaayyaa viileej” akka daawwataman himameera.

Qabeenyi aadaa fi faayaa biyya keenyaa, muuziqaaleen aadaa fi nyaanni aadaa, akkasumas hambaalee magaalaa keenyaa, obboloota keenya Afriikaanotaaf akka beeksifaman beeksisaniiru.   

Waltajjii kana ministeerri dhimma alaa, ministeerri aadaa fi tuuriizimii, biiroon aadaa fi tuuriizimii Finfinnee fi biiroon aadaa fi tuuriizimii Oromiyaa waliin akka qopheessan daayiraktar jeneraaliin kun ibsuusaanii ragaan waajjira dubbi-himaa ministeera dhimma alaa irraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015