Yaa'iin Bulchiinsa Intarneetii Idil- Addunyaa 17ffaan kaleessa xumurame.

218

Sadaasa 24/2015(TOI) - Qopheessummaa Itoophiyaan gaggeeffamaa kan ture, Yaa'iin Bulchiinsa Intarneetii Idil- Addunyaa 17ffaan milkiin xumurameera.

Sirna cufiinsa yaa'ichaarratti kan argaman Itti Aanaan Ministira Muummee fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin qaamolee yaa'ichi milkiin akka xumuramu gaheesaanii bahan hunda galateeffataniiru.

Rakkoolee bulchiinsa Intarneetiin walqabatan furuuf,qindoominaan kan hojjetamu ta'uu Itti Aanaa Barreessaa olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Lii Juunhuuwaan ergaa Viidiyoon darbarsaniin ibsaniiru.

Hirmaannaan Afrikanootaa yaa'icha keessatti mul'ate olaanaa ta'uu, Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti Barreessaa Olaanaan Dhimmoota Diinagdee fi Hawaasummaa Antooniyoo Peedroon ibsaniiru.

Dhimmoonni Afrikaa akka haalan dhaga'amu xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta'uu dubbachuusaanii ragaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojirraa argame ni muldhisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015