Koreen waloo ogeessotaa karoora hidhattoonni Tigraay hidhannoo itti hiikan hojjetu Shireetti mari’achaa jira-Tajaajila komunikeeshinii mootummaa

92

Koreen waloo ogeessotaa karoora hidhattoonni Tigraay hidhannoo itti hiikan hojjetu Shireetti mari’achaa jira.

Akkaataa waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaatti mallatteeffameetiin Koreen waloo ogeessotaa karoora hidhattoonni Tigraay hidhannoo itti hiikan hojjetu kaleessaSadaasa 21/2015 irraa kaasee Shireetti hojiisaa eegaleera.

Koreen waloo ogeessotaa mootummaa federaalaa fi hidhattoota Tigraay irraa walitti baba’e guyyoota muraasa booda hojiisaa ni xumura jedhameetu eegama.

Karoorri raawwii koreen kun baasu hidhannoo hiiksisuu, kaampii galchuu fi dhimmoota kanaan walqabatan kan deebisu ta’a.

Hojiin karoora raawwii baasuu sababa dhimmoota teekiniikaatiin harkifachuunsaa ni beekama.

Sadaasa 22 bara 2015

Finfinnee

Tajaajila komunikeeshinii mootummaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015