Lammilee hongeefi sababoota biroon buqqa'an deebisanii dhaabuuf pirojeektiin dandeesisu ifoome

85

Sadaasa 21/2015(TOI) - Lammilee hongeefi sababoota biroon qe'ee isaaniirraa buqqa'an deebisanii dhaabuuf pirojeektiin dandeesisu ifoome.

Pirojeektiin kun har'a yeroo Finfinneetti ifoomu Komishiinerri Komishiinii hoggansa sodaa Balaa Itoophiyaa doktar Shifaraawu Takilamaariyaam, ambaasaaddaeoota biyyoota adda addaafi dhaabbileen deeggartootaa argamaniiru.

Pirojeektiin kun waggoota arfan dhufa naannoo Oromomiyaafi Somaalee hojiirra oola jedhameera.

Pirojeektichi lammilee sababa hongee, Lolaafi walitti bu'unsaan qe'ee isaaniirra buqqa'an gara qe'ee isaaniitti deebisuu karaa itti fufinsa qabuun dhaabuuf kan hojjetudha jedhaniiru.

Pirojeektiin kun yeroo turtii qabameef keessatti lammilee kuma 54fi 400 fayyadamoo kan taasisu yoo ta'u hojii pirojeektii kanaa milkeessuuf doolaarri miliyoona 18.8 ramadameera.

Baasiin pirojeektichaaf barbaachisu kan argame Dhaabbata deeggarsa misoomaa idil addunyaa Siwiidin fi Ejensii deeggàsa misoomaa idil addunyaa Siwizaarlaanid irraayyu jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015