“Mootummaan bu’uura waliigaltee nageenyaatiin deeggarsa nanoomaa Naannoo Tigiraayiif dhiyeessaa jira”

65

Sadaasa 21/2015(TOI) - Bu’uura waliigaltee Nageenyaa mootummaa federaalaa fi ABUT jidduutti Piriitooriyaatti taasisameen mootummaan deeggarsa namoomaa naannoo Tigraayiif dhiyeessaa jiraachuufi hojiiwwan deebisanii dhaabuu hojjetamaa jiraachuu, Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa baaseen beeksiseera.

Mootummaan lammiilee deeggarsa hatattamaa barbaadan dhaqqabuuf tumstoota misoomaa Idil-Addunyaa waliin ta’uun kallattii afuriin deeggarsa namoomaa naannoo Tigiraayitti geejjibsiisaa jira jedheera.

Haaluma kanaan guyyoota arfan darban odeeffannowaan dhiheessii deeggarsa namoomaa gara naannichaatti imaalchifama,

Koriidarii Gondoriin

• Konkolaatonni 30 deeggarsa Dhaabbata Nyaata addunyaarraa fe'an sadaasa 17 Gondor karaa Humaraa gara Shireetti midhaan nyaata meetirik toonii 1,137 ergamaniiru. Dabalataan Midhaan nyaataa meetirik toonii 212 konkolaatonni fe'an 10 Gondor irraa gara Matsaabiri imaalichifamaniiru.

• Konkolaatooñi 24 deeggarsa namoomaa Dhaabbata Nyaata Addunyaarraa fe'an midhaan nyaataa meetirik toonii 1,043 fe'anii Gondor irraa gara Shiree imaalichifamaniiru

• Sadaasa 19 Konkolaatonni 11 midhaan nyaata Shireerra gara Matsaabir geessan fe'aamaa jira.

• Sadaasa 20 konkolaattonni Dhaabbata Nyaata Addunyaa 17 deeggarsa midhaan nyaataa meetirik toonii 380 Goondar irraa gara Maayitsabrii/Diimaatti ergamuu yaadachiiseera. Konkolaatanni 9 deeggarsa namoomaa Goondar irraa gara shireetti imalchiisan deebi’uu addeesseera.

• Sadaasa 17 konkolaattonni deeggarsa namoomaa meetirik toonii 626 fe’an Kombolchaarraa ka’uun Zaataa gahuu, Sadaasa 18 konkolaattonni deeggarsa namoomaa fe’an 54 Kombolchaarraa ka’uun Ooflaa, Raayyaafi Allaamaaxxaa gahuu akkasumas Sadaasa 19 aanaalee Godinaa Kibbaa keessatti argaman Baalaa, Kooramiifi kanneen biroof deeggarsi taasifamu fe’amuu yaadachiiseera.

• Sadaasa 17 gama kallattii Samaraan konkolaattonni deeggarsa namoomaa garaagaraa fe’an 34 Maqalee gahuu ibseera.

• Kana malees gama kallattii Samaraan Sadaasa 18 konkolaattonni 175 gama Tajaajila Damdamachiisa Kaatoolikiin ergaman Maqalee gahuu,
• Sadaasa 20 konkolaattonni deeggarsa namoomaa fe’an 140 Samaraarraa ka’uun Maqalee gahuu addeesseera.

• Sadaasa 20 gama tajaajila Balallii Deeggarsa Balallii Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin Finfinneerraa gara Maqaleetti balalliin imaltootaa taasifamuu tajaajilichi ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015