Itiyoophiyaa fi Sudaan kibbaa damee barnootaan waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessa.

76

Sadaasa 21/2015(TOI)--- Ministeerri barnootaa ministeera barnoota olaanaa, saayinsii fi teekinooloojii Sudaan Kibbaa waliin gama barnootaan waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessan.

Ministirri barnootaa piroofeesar Birhaanuu Naggaa ministeera barnoota olaanaa, saayinsii fi teekinooloojii Sudaan Kibbaa Gaabri’eel Chaangisen Chaang waliin waliigaltee mallatteessaniiru.

Sanadni ministiroonni walii mallatteessan gama barnootaan waliin hojjechuuf akka isaan dandeessisu eerameera.

Ministirri barnootaa piroofeesar Birhaanuu Naggaa wayita kana akka jedhanitti, waliigalteen kun carraa barnootaa bilisaa Itiyoophiyaan Sudaan Kibbaaf kennitu guddisuuf ni dandeessisa.

Waliigalteen kun walta’iinsaa fi michooma biyyoonni lamaan damee barnootaan qaban caalaatti akka cimsu dubbataniiru.

Ministirri barnoota olaanaa, saayinsii fi teekinooloojii Sudaan Kibbaa Gaabri’eel Chaangisen Chaang gamasaaniitiin, sanadichi walta’iinsa biyyoonni lamaan gama barnootaan qaban gara sadarkaa olaanaatti akka guddisu eeraniiru.

Carraa barnoota bilisaa mootummaan Itiyoophiyaa kennuun lammiileen Sudaan kibbaa hedduun fayyadamoo barnoota bilisaa akka ta’an odeeffannoon ministeera barnootaarraa argame ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015