Waltajjiin xumuraa guyyaa farra malaammaltummaa idil addunyaa naannoo Sidaamaatti adeemsifamaa jira.

496

Sadaasa 21/2015(TOI)---Waltajjiin xumuraa guyyaa farra malaammaltummaa idil addunyaa pirezidaantiin naannoo Sidaamaa Dastaa Leedaamoo bakka argamanitii magaalaa Alattaa Wandootti adeemsifamaa jira.

Guyyaan farra malaammaltummaa idil addunyaa mata duree “malaammaltummaa qabatamaan qabsaawuu” jedhuun sadarkaa idil addunyaatti yeroo 19faaf  sadarkaa biyyaatti yeroo 18ffaaf naannoo Sidaamaatti qophiilee addaddaatiin kabajamaa jira.

Malaammaltummaa akka biyyaatti Kasaaraa geessisaa jiru ittisuuf hojiiwwan akka naannootti hojjetamaa jiranii fi kallattiiwwan fuulduraa irratti sanadni dhihaatee mariin akka taasifamu ni eegama.

Itti gaafatamtoonni mootummaa olaanoo waltajjii kanarratti argaman malaammaltummaa fi hojmaata badaa ittisuu ilaalchisee ergaa ni dabarsu jedhameetu eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015