Sirni cufinsa sagantaa baatii sosochii daraggoota Afrikaa Dirre Dhawaatti geggeeffamaa jira.

68

Sadaasa 21/2015(TOI) - Sirni cufinsa sagantaa baatii sosochii daraggoota Afrikaa 16ffaa mata duree “ hirmaannaa dargaggootaafi hirmaachisummaa misooma'' jedhuun magaalaa Dirre Dhawaatti geggeeffamaa jira.

Sagantaa kanarratti Ministirri Dhimma Dubartootaafi hawaasummaa doktar Ergoogee Tasfaayee , Itti aanaa Kantiibaa Magaalaa Dirre Dawaa Hariibuu Buhiifi keessummoonni biroon argamaniiru.

Daraggoonni hirmaannaa hunda galeessa biyyaalessarratti ni mariyatu jedhameera.Sagantaa kanarratti hoggantoonni Mootummaa Federaalaafi naannolee, magaalootaafi dargaggoonni naannoleefi magaalotarra walitti dhufan kan hirmaatan ta'uun himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015