Isteet dippaartimentii Ameerikaatti ambaasaaddarri saayibar ispeesii fi imaammata dijitaalaa ambaasaaddar Naatinaa’eel Sii Fiik Finfinnee dhufan

128

Sadaasa 20/ 2015(TOI)---Isteet dippaartimentii saayibar ispeesii fi imaammata dijitaalaa ambaasaaddar Naatinaa’eelSii Fiik yaa’ii bulchiinsa intarneetii 17ffaa irratti hirmaachuuf Finfinnee dhufaniiru.

Ambaasaaddarichi Finfinnee wayita dhufan de’eetaan ministiraa innoveeshinii fi teekinooloojii Baayyisaa Badhaadhaa(PHD) buufata Xayyaaraa idil addunyaa Booleetti argamuun simataniiru.

Yaa’iin bulchiinsa intarneetii idil addunyaa 17ffaa  Sadaasa 19 eegale guyyoota walitti aanaan shank an adeemsifamu yoo ta’u, keessummoonni hedduun yaa’icharratti hirmaachuuf Finfinnee dhufaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015