Magaalaa keenya Magaalaa ammayyooftuu (Smart City) taasisuuf tattaaffiin eegalame cimee ittifufeera

110

Magaalaa keenya Magaalaa ammayyooftuu (Smart City) taasisuuf tattaaffiin eegalame cimee ittifufeera.

Sadaasa 18/2015(TOI) - Bulchiinsi magaalaa keenyaa tooftaa teknolojii (Technology System) magaalattii ammayyoomsuufi fooyyessuun bu'uura misoomaa ijaaruun rakkoolee tajaajila isa mudachaa jiru akkasumas hannaafi malaammaltummaa buqqisuufi ittifufinsaan furuuf sochii taasisuutti argama.

Har'a qorannoo Yuunivarsiitii Saayinsiifi Teknolojii Finfinnee irratti qoratamee dhiyaate qaamota dhimmi ilaallatu waliin marii adeemsifneerra.

Marii keenyaanis qorannicha bu'uura argannoofi yaada marii qaama dhaabbilee hundaa gahumsaafi cimina fayyadamuun rakkoo kenninsa tajaajila magaalattii deeggarsa teknolojii ammayyaan furmaata kennuuf hojii eegalle cimsinee ittifufuuf kallattii keenyerra.

Waaqni Itoophiyaafi ummata ishee baay'isee haa eebbisu!!

  • Kantiibaa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015