Dippilomaatonni fayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa eegsisuuf hojii dippilomaasii malaan hogganamuun fayyadamuu qabu - Obbo Dammaqaa Mokonniin

82

Sadaasa 18/2015(TOI) - Dippilomaatonni fayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa eegsisuuf hojii dippilomaasii haala yeroo ilaalcha keessa galcheefi malaan hogganamuun fayyadamuu qabu jedhan Itti aanaa Ministira Muummee fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonniin.

Ministeerri Dhimma Alaa waajjira isaa muummichaafi biyyoota adda addaatti Itoophiyaa bakka bu'uun dippilomaatota bobba'aniif leenjii Akkadaamii Hooggansa Afrikaatti laachaa ture xumureera.

Sirna cufinsa sagantaa kanaarratti kan argaman obbo Dammaqaa Mokonniin Dippilomaatoonni fayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa kabachiisuuf hojii dippilomaasii haala yeroo ilaalcha keessa galchefi maalaan hogganamu hordofuu qabu jedhaniiru.

Leenjichi dippilomaatonni haala qabatamaa jijjirama sirnaa yeroo gara yerootti addunyaa keessatti mudatu hubachuun fayidaa biyyaalessa biyya isaa kabachiisuuf kan isaan gargaarudha jedhameera.

Leenjiin kun dippilomaatota erga itti laatame galmaan gahuun fayidaa biyyaalessaa kabachiisuu danda'an horachuuf fayidaa guddaa kan qabu ta'uunis himameera.

Sirna cufinsa sagantaa kanaarratti Itti aanaaMinistira Muummeefi Ministira dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonniin, Deetaa ministira dhimma alaa ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoofi deetaa ministira dhimma alaa Tasfaayee Yilmaa kan argaman yoo ta'u leenjitootafis waraqaan ragaa kennameera.

Leenjii kanarratti Ministira Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad, Pirezidaanit Saahilewariq Zawudee, Itti aanaa ministira Muummee fi ministira dhimma alaa obbo Dammaqaa Mokonniin leenjicha kennaa turuufi muuxannoo isaanii qooduu ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015