Bulchiinsi magaalaa Finfinnee Naannoo Somaaleef paampiiwwan bishaanii 110 deeggarsa taasise

86

Sadaasa 17/2015(TOI)--- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee naannoo Somaaleef paampiiwwan bishaanii 110 deeggarsa taasise.

Adde Adaanech abeebee deeggarsa kana guyyaa har’aa Somaalee sadarkaa naannootti kan adeemsifame sagantaa beeksisuu ’leemaat Turrufaat’ irratti argamuun kennaniiru.

Qaama akka biyyaatti midhaan nyaataan of danda’uuf yaalii taasifamuu kan ta’e sochiin ‘leemaat Tirrufaat’ guyyaa har’aa naannoo Somaaleetti sagantaawwan fooyyessa oomisha aannannii, lukkuu fi dammaa ifatti jalqabsiisuu isaanii kan insan kantiibaa Adaanech, bulchiinsi magaalaa Finfinnee paampiiwwan bishaanii 110 deeggarsaan kennuusaa ibsaniiru.

Itiyoophiyaa bahaaf human cimaa kan ta’e ummannii fi mootummaan naannoo Somaalee ammas Itiyoophiyaa karaa ‘leemaat Tirrufaatii’ maaddiishee irra yaasuuf akka danda’u amantaa qaban ibsaniiru.

Kana malees qabeenya naannichaa jiddu galeessa godhachuun birmadummaa biyyaa gama kabachiisuutiin akkuma gootummaa agarsiise gama leemaataanis milkaa’ina olaanaa akka nu agarsiisu amantaa qabna jechuun ibsaniiru.

Omisha aannaniin gabaa biyya keessaa irra darbe kanneen biroof ta’uu ni dandeenya kan jedhan adde Adaanech, nulchiinsi magaalaa Finfinnee sagantaa naannichaa akka cimu sochiin misooma jallisii bu’a qabeessa akka ta’u deeggarsa itti fufaa ta’e akka taasisu dubbataniiru.

Kanarra darbees magaalaan Finfinnee qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa naannichaaf gabaa akka taatu deeggarsa barbaachisaa ni taasifna jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015