Mariin hirmaattota marii biyyaalessaa adda baasuu fi ajandaa sassaabuu irratti xiyyeeffate magaalaa Jimmaatti adeemsifamaa jira.

69

Sadaasa 16/2015(TOI) --- Mariin hirmaattota marii biyyaalessaa adda baasuu fi ajandaa sassaabuu irratti xiyyeeffate magaalaa Jimmaatti adeemsifamaa jira.

Komishiniin marii biyyaalesaa akkaataa aangoo labsiin kennameefiin hirmaattota adda baasuu fi ajandaa sassaabuu ilaalchisee magaalaa Jimmaatti mariin taasifamaa jira.

Bakka bu’oonni hawaasaa godina Jimmaa, Buunnoo Baddallee fi Shawaa kibba lixaarraa walitti dhufan marii kanarratti hirmaachaa jiru.

Komishinar Malaakuu Waldamaaram banumsa marii kanarratti haasawa taasisaniin komishiniin marii kun rakkoolee Itiyoophiyaa keessatti mul’atan mariin hiikuuf hundaa’uusaa yaadataniiru.

Yeroo ammaa Itiyoophiyaan qormaatilee hedduu keessa darbaa akka jirtu eeranii, qormaatilee fi rakkoolee kanneen keessa darbuuf komishinichi ga’ee olaanaa qaba jedhaniiru.

Rakkoolee walitti dhihaachuun haasawuu dhabuun dhufaniif furmaannisaa akka biyyaatti ifatti mari’achuu akka ta’e dubbataniiru.

Kanaaf marii biyyaalessaa hunda ilaallatu kana akka carraatti fudhachuun ajandaalee ka’uu qabanii fi  namoota hirmaachuu qaban dabalatee ilaalchisee mariin bal’aan ni taasifama jedhaniiru.

Mariin guyyaa har’aa magaalaa Jimmaatti jalqabame qaama kanaa akka ta’ee fi haalli wal fakkaatu cimee akka itti fufu beeksisaniiru.

Hirmaattonni marii kanaa rakkoolee haala qabatamaa naannawasaanii ni kaasu, hirmaattota filatamuu qaban ilaalchisee yaada ni dhiheessu jedhaniiru.

Bulchaan godina Jimmaa Ob Tijaan Naasir gamasaaniitiin, milkaa’ina ergama komishinii marii biyyaalessaaf deeggarsa akka taasisan mirkaneessaniiru.

Milkaa’ina waltajjii marii biyyaalessaaf deeggarsa hundaa kan gaafatu waan ta’eef ga’ee keenya bahuu qabna jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015