Mootummaan waliigaltee nagenyaa hojiirra oolchaa jira - Obbo Dammaqaa Nokonniin

85

Sadaasa 15/2015(TOI) - Itti aanaa Ministira Muummee fi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonniin Ministira Dhimma Alaa Naajeeriyaa Jefiree Enyaamaa waliin Niyaamiitti dhimmoota waloo biyyoota lamaanirratti mariyatan.

Obbo Dammaqaa Mokonniin Niyaamitti walga'iin addaa 17ffaa Gamataa Afrikaa jalqabameerratti hirmaachaa jiru.

Marii minstira dhimma alaa Naajeeriyaa waliin taasisaniin haala waqtaawaa Itoophiyaa fi waliigaltee nageenyaa Piritooriyaatti taasifamerra ibsa laataniifiru.

Mootummaan Itoophiyaa waliigalteen nageenyaa hojiirra akka ooluuf hojjechaa jiraachuu himanii himaniiru. Itoophiyaan haala abdii namatti horu keessa jirtis jedhaniiru.

Deeggarsi namoomaafi tajaajilli hawaasummaa kennamuu jalqabamuu himanii, hojiin deebisanii dhaabuufi dhaabbilee manca'ani deebisanii ijaaruuf xiyyeeffannoon laatameera jedhaniiru.

Yeroo Itoophiyaa qormaanni qunnametti Naajeriyaan karaa sirriin osoo ejjennoo ishee hin jijjiriin turuu isheef galateeffataniiru.

Pirezidaantiin Naajeeriyaa duraanii Oleseegoon Obosaanjoon Afrikaanoonni ofii isaaniin akkamitti rakkoo ofii isaanii furachuu akka danda'an muli'isaniiru jedhaniiru.

Akka hoggansa hangafaattis kanneen biroo waliin ta'uun gahee olaanaa bahaniiru jedhaniiru.Ministirri Dhimma Alaa Naajeeriyaa gama isaaniin waliigalteen nageenyaa mallateeffamu isaatti akka gammadan himaniiru. Waliigalteen kun Afrikaan ofii isheef rakkoo ishee furachuuf gahumsa akka qabdu kan muli'isedha jedhaniiru.

Mootummaan Naajeeriyaa milkaa'ina hojiirra oolmaa waliigaltichaaf deeggarsa barbaachisu kan taasisu ta'uus himaniiru

Ministiroonni biyyoota lamaanii Naajeriyaafi Itoophiyaan baay'ina uummata Afrikaa keessaa harka 28 kan qabatan waan ta'eef walitti dhufenyaa biyyoonni lamaan kanaan dura qaban cimsuun waliin hojjechuu haala dandeesisu irratti mariyataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015