Daandiin Qilleensa Itoophiyaa deebi'ee idileen balaliisaa gara Tigiraayitti jalqabuuf qophii taasisaa jira.

76

Sadaasa 14/2015(TOI) - Daandiin Qilleensa Itoophiyaa deebi'ee idileen balaliisaa gara naannoo Tigiraayitti jalqabuuf qophii taasisaa jiraachuu hoji geggeessaan olaanaa Daandii Qilleensichaa Obbo Masfin Xaasoo himan.
Daandiin qillensichaa balalii isaa idileen gara naannichaatti jalqabuun deeggarsa namoomaa naannichaaf barbaachisu ariifachiisuu keessaatti gahee olaanaa qaba jedhameera.


Hoji geggeessaan olaanaa Daandii Qilleensa Itoophiyaa obbo Masfiin Xaasoo milkaa'ina daandii qillensichaafi karoora gara fuula duraa akkasuma haala waliigala dhaabbatichaa ilaalchisuun TOI waliin turtii taasisaniiru.


Waliigaltee nageenyaa Mootummaa Itoophiyaafi ABUT jidduutti taasifame hordofee balaliin idile naannoo Tigiraayirraa adda citee ture irra deebiin jalqabuuf qophiin taasifamaa jiraachuu himaniiru.


Kanaan dura guyyaatti gara naannichaatti balaliiwaan hedduun taasifamaa turuu himanii, waraana naannichatti taasifamaa ture hordofee tajaajilli kun adda cituu himaniiru.


Daandiin qilleensichaa balalii biyya keessatti taasisu hedduu keessaa naannoon Tigiraay tokko ta'uu eeruun irra deebiin gara naannichaatti idileen balalii jalqabuun damee kanaaf fayidaa hedduu kan qabu ta'uu himaniiru.


Waaliigaltee mootummaafi ABUT taasisan hordofee daandiin qillensichaa idileen gara naannichaatti balalii jalqabuun isaa tajaajila gama kanaan kennuu caalaa deeggarsa namooma gara naannichaatti geeffamu ariifachiisuu keessatti bu'aa olaanaa kan qabu ta'uu himaniiru.


Buufata Xiyyaara naannichatti argaman keessaa buufanni xiyyaara Shireefi Maqalee haala gaariirratti kan argaman ta'uu himaniiru.


Buufanni Xiyyaara Aksum garuu sababa waraanaan waan miidhameef balaliif haala mijatuutti suphuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015