Afrikaanonni misooma industirii fi cimina walitti hidhiinsa daldalaaf xiyyeeffannoo kennuu qabu-itti aanaa muummee ministiraa fi ministira dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin

57

Sadaasa 14/2015()TOI --- Afriikaanonni misooma industirii fi cimina daldala waliiniif xiyyeeffannaa kennuu akka qaban itti aanaan muummee ministiraa fi ministirri dhimma alaa Dammaqaa Mokonnon ibsan.

itti aanaan muummee ministiraa fi ministirri dhimma alaa Dammaqaa Mokonnon walga’ii addaa gamtaa Afriikaa magaalaa muummee Niijer Niyaamiitti jalqabamerratti haasawa taasisaniin, biyyoonni Afriikaa daldalli jidduusaanii jiru akka babal’atuu fi misoomni industirii saffisaan akka itti fufu gochuu akka qaban eeranii, kanaaf ammoo ga’ee hogganaa olaanaadha jedhaniiru.

Itiyoophiyaan gufuulee caaseffamaa abbootii qabeenyaa dhuunfaa mudatan dhabamsiisuu fi jajjabeessuuf karoora dinagdee biyya keessaa hojiirra oolchuu ishee ob Dammaqaan himaniiru.

Itiyoophiyaan ijaarsa paarkiiwwan industirii human guutuu qabanii fi tajaajila foddaa tokkoo kennan 22 adeemsisuushee fi sirni barnootaa misooma industiriif human namaa ga’umsa qabu uumuu karaa dandeessisuun bocamuusaa ibsaniiru.

Walga’iin addaa gamtaa Afriikaa mata duree “ misoomni industirii Afriikaa qarqabaa fi egeree guddina dinagdee fi damee dinagdee bal’isuu” jedhuun adeemsifamaa akka jiru magaalaa guddoo Niijer Niyaameetti adeemsifamaa akka jiruu fi itti aanaan muummee ministiraa fi ministirri dhimma alaa Dammaqaa Mokonnon jila Itiyyoophiyaa dursaa akka jiran waajjirri dubi himaa ministeera dhimma alaa beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015