Waggoota lamaan dhufan yunivarsiitiiwwan 10 ofiin buluu jalqabu-ministeera barnootaa

68

Sadaasa 14/2015 (TOI)---Waggoota lamaan dhufan yunivarsiitiiwwan dhaloota jalqabaa 10 ofiin ofbulchuu akka danda’an ministeerri barnootaa beeksise.

Ministeera barnootaatti hojii raawwachiisaan bulchiinsaa fi dhimmoota bu’uraa doktar Salamoon Abrihaa TOIf akka himanitti, hijiiwwan jijjiiramaa taasifamaa jiran galma qulqullina barnootaa eegsisuuf kaa’ame kan bu’uureffatanidha.

Yunivarsiitiiwwan akka ofdanda’an gochuun hojiiwwan riifoormii keessaa tokko yemmuu ta’u, sirni hojmaataa, seerri, danbiiwwanii fi qajeelfamtoonni qophaa’uusaanii ibsaniiru.

Baatii muraasaan booda Yunivarsiitiin Finfinnee of danda’ee akka buluu fi ergama kennnamuuf bahuuf human isa dandeessisu uumuun barumsa fi hojii  qorannoo qulqullina qabu ni hojjeta jedhaniiru.

Seenaan barnoota olaanaa Itiyoophiyaa Yunivarsiitii Finfinneen walitti hidhata kan jedhan doktar Salamoon, humnaa fi sagantaalee barnootaa amma qabuun yemmuumadaalamu akka of danda’u gochuuf dursi kennameefii filatamuusaa dubbataniiru.

Waggoota lamaan dhufan ammoo Yunivarsiitii Finfinnee dabalatee ergammo qu’annoo kan kennameef fi dhaloota jalqabaa jedhamanii kan adda bahan yunivarsiitiiwwan 10 gara ofiin of bulchuutti ni galu jedhaniiru.

Yunivarsiitiin Hawaasaa, Jimmaa, Bahaardaar, Gondar, Maqalee fi yunivarsiitiin saayinsii fi teekinooloojii tokko dabalatee kanneen ergama qu’annoo kennameef akka of danda’an gochuuf muuxannoo Yuunivarsiitii Finfinnee irraa fudhatameen akka raawwatamu dubbataniiru.

Yunivarsitoonni yemmuu of danda’an guutummaatti mootummaan hin bulan jechuu akka hin taane kan ibsan doktar Salamoon, gama itti gaafatamummaa isaanii waliin ergamasaanii kan ittiin raawwatan hojmaata uumuudha jedhaniiru.

Pirezidaantiin Yunivarsiitii Finfinnee Piroofeesar Xaasoo Waldahaannaa gamasaaniitiin, Yunivarsiitichi ofiin of danda’uunsaa ergama dhimmoota siyaasaa,dinagdee fi hawaasummaa hiikuuf isa dandeessisu sirnaan akka bahatu ni dandeessisa jedhaniiru.

Yunivarsiitonni of danda’anii akka bahan gochuun human isaanii cimsatanii hojii fooyya’aa hojjechuuf carraa akka uumuu fi qulqullina barnootaa guddisuuf murteessaa ta’uu himaniiru.

Yunivarsiitiin Finfinnee of danda’uunsaa tajaajila qo’annoo fi hawaasummaa bu’a qabeessaa fi karaa baasii qusateen akka qabsiisu carraa kan uumu ta’uu eeraniiru.

Yunivarsiitichi ofdanda’ee wayita bahu seeronni faayinaansii, qacarrii human namaa, bulchiinsa qabeenyaa fi qabannaan hojjettootaa  dursanii qophaa’uusaanii dubbataniiru.

Humna galiisaa dacha lamaa fi sadiin guddisuun tajaajilasaa cimsuu akka danda’u piroofeesar Xaasoon eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015