Dureeyyoonni Paaksitaan hojii investimantii Itoophiyaarratti akka hirmaatan gaafatame

73

Sadaasa 13/2015(TOI0 -Dureeyyoonni Paaksitaan haala mijataa Itoophiyaan hojii Invastimatiif qabdu fayyadamuun Itoophiyaatti hojii investimantiirratti akka hirmaatan Paaksitaanitti ambaasaaddarri Itoophiyaa Jamaal Bakarii waamicha taasisan.

Amabaasaaddar Jamaal Paaksitaanitti hundeessaa baankii JDS Jahaangaar Saadiquu waliin marii taasisaniin Itoophiyaan damee hojii hedduun waantoota hojii Invastimantii hojjechuuf mijattu ishee taasisaan akka qabdu hubachiisaniiru.

Ambaasaaddar Jamaal Bakarii mootummaan Itoophiyaa ji'oota mursaa dura irraa jalqabee hojii invastimantii Faayinaanis abbootii qabeenyaa biyya alaaf banaa gochuu yaadachiisanii, kaappitaal Ikonomii hojiirra oolchuuf hojjetamaa jirachuus ibsaniiru.

Keesaayyuu Qonna, Agiroo piroosesiinig Manufaakcharingii, Albuuda, Fayyaa, Turizimii akkasumas hojii IT irratti dureeyyoonni biyya alaa hojii Investimantii hojjechuuf kan isaan dandeesisuu carraan hedduun jiraachuu himaniiru.

Paaksitaanitti hundeessaan baankii JDS Jahaangaar Saadiquu carraa hojii Invastimatii Itoophiyaa keessa jirutti fayyadamuuf fedhii kan qaban ta'uu himaniiru.

Bara faranjootaa haaraattis jila isaanii qabatanii gara Finfinnee akka dhaqaan himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015