Sadarkaa Oromiyaatti sagntaan jalqabsiisa ''Leemaat Turufaat'' magaalaa Holotaatti geggeeffamaa jira.

213

Sadaasa 13/2015(TOI)- Sadarkaa Oromiyaatti sagntaan jalqabsiisa Leemaat Turufaat magaalaa Hoolotaatti geggeeffamaa jira.

Sagantaa kanarrattis pirezidaantii naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa Ministira Muummee duraanii obboo Hayilemaaram Dasaalenyiifi hoggantoonni mootummaa biroon argamaniiru.

Sagantaa kana jalqabsiisuun cinaatti jiddugala qorannoo qonnaa Hoolotaa jalattti jiddugalli qorannoo horsiisa lukkuu hundaa'ee ture eebbifameera.

Jiddugalli kun Cuucii lukkuu kuma 3'n hojii kan jalqabe yoo ta'u, lukkuwwan kanas qonnaan bultoota naannawaa sana jiraniif kan rabsu ta'uun himameera.

Haaluma walfakaatuun Pirezidaantiin naannichaa obbo Shimallis Abdiisaa sanyii loon ananii jiddugalli qorannoo qonnaa Hoolotaa baase 100 qonnaan bultoota naannawaaf dabarsanii laataniiru.

Saawwaan qonnaan bultootaaf laataman kunneen aannanni baay'ee kan oomishaniifi gatii madaalawaan qonnaan bultootaaf dabarsamanii kan laataman ta'uun himameera.

Duulli sagantaa ''Leemaat Turufaat'' sadarkaa biyyaatti magaalaa Arbaa miincitti ministira muummee FDRI doktar Abiy Ahimadiin onkoloolessa 24/2015 ifatti kan jalqabamee yoo ta'u kaayyoon isaa inni guddaan qonnaan bultoota, horsiise bultootafi shamatootaa riqicha walqunnamsiisudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015